Home » Archives for February 2023

February 2023

Cirraacha kalee

Cirracha Kaleefi yaalii isaa

Sababa jijjiirama haala jireenyaa (life style modification) irraan kan ka’e, yeroo amma kana cirrachi kalee addunyaa keenyaarratti baay’ee babal’achaa jira. Cirrachi kalees hammaan guddachaa yoo deeme, karaa itti xuraa’aa kaleen keenya dhimbiibdee /calaltee gara alaatti dhabamsiistu cufuun dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a. Wantootni cirracha kaleef nu saaxilan maalfaadha? Bishaan hamma barbaachisu ykn gahaa ta’e dhuguu dhiisuu. […]

Cirracha Kaleefi yaalii isaa Read More »

Hirriba dhabu

Hirriba Dhabuu fi furmaata isaa

Hirribni jiruu dhala namaa kessatti bakka ol’aanaa kan qabuufi namni tokko walumaa galatti hirriba osoo hin rafiin akka lubbuun jiraachuu hindandeenye beekamaadha. Haa ta’uu garuu turtiin dheerina hirribaa, yeroon hirriba itti rafnu, akkasumas qulqullinni hirribaa namaa namatti akkasumas umurii dhaan garaagarummaa guddaa qaba. Fakkenyaaf daa’imni xiqqoon yeroo ishii dheeraa hirriba irratti kan dabarsitu yoo ta’u

Hirriba Dhabuu fi furmaata isaa Read More »

Rakkoo kahu dhabu

Araada Fiilmii wal-qunnamtii saalaa ilaaluu

Biyya xaaliyaanii keessatti yuunibarsiitii Paadu’aa keessatti qorannoo gaggeefame tokko akka ibsutti dargagoonni 70% filmii walqunnamtii saalaa kakasuu inteernetii irratti utuu wal irraa hin kutiin ilaalan akka jiran warri qo’annaa wal’aansoo narvii bira ga’aniiru. Qorannoo amalaa inni kan biraan akka ibsutti, fedhii salqunnamtii dhabuun kan argamu warra fiilmii fedhii saal qunnamtii kakaasu ilaaluudhaan sammuu isaanii bashannansiisu

Araada Fiilmii wal-qunnamtii saalaa ilaaluu Read More »

Scroll to Top