Aarii garmalee , miidhaa Aariin fiduufi aarii akkamitti to’achuu dandeenya?
Dhala namaa tahee kan hin aarre hin jiru. Garuu aariin keenya aarii akkamiiti?. Sababni aarruufihoo maali?
Mataa ofi hubatanii amala tasgabbiifi nageenya qabachuun mira aariifi diinummaa to’achuun ni danda’ama.
Utuu hin aariin dura irra deebi’ii yaadi sababni isaa amala kan ukkaamsuufi dhabamsiisuun ni danda’ama. Maaliif akka aarru utuu adda hin baasin faayidaa ofii qofaaf watwaachuun daa’ima ta’uudha. Daa’imni xiqqoon tokko tokko qodaa bareedduu daa’imni biraan ittiin taphachaa jirtu yoo dhabde aartee boossi mitiiree? Sababa madaala hinkaafneef aaruun bilchina dhabuudha.
Aariin balaa fayyaa akkamii fiduu danda’a?
- Dhukkuba onneetiif dachaa afur irra caalaa saaxilamoodha.
- Carraa balaa dargagummaadhaan du’uu ol kaasa
- yakka raawwachuuf nama kakaasa
- Sababii aarii isaaniif jecha firoonnifi michoonni isaan dhiisu.
- Hariiroo gaa’ilaa nagaa hin qabaanne qabaachuufi hiikaa gaa’ilaa.
- Waantota nama miidhanin (tamboodhaan, alkooliidhaan, qoricha sammuu hadoochaan adda addaatiif) gaaga’amu.
- Balaa garmalee nyaatanii furdachuutti deemu.
Utuu hin aariin dura irra deebi’ii yaadi sababni isaa amala kan ukkaamsuufi dhabamsiisuun ni danda’ama.
Akkamitti aarii keenya to’achuu dandeenya?
- Haalli sun fayidaa dhugaa inni qabu xiinxali. Sababiin jibbakootii fayidaa qabaa? Jedhii of gaafadhu. Waantoonni akka yaada kooti ta’uu yoo baatan maaltu ta’a?
- Haafuura dheeraa baafadhu, tasgabaahis. Hafuura baafachuun nu boqochiisa. Yeroo aariin sitti dhagaahamu suuta jedhii qilleensa dheeraa baafadhu. Ajaja “ waanti ta’aa jiru hin jiru waan ta’eef tasgabbaahi” jedhu ofiif kenni. Tomas jefferson jecha beekama akkas jedhu dubbate. “ yeroo aartu, utuu hin dubbatiin fuula dura hamma kudhaniitti lakkaa’i. yoo baay’ee aarte ta’e immoo hamma dhibbaatti lakkaa’i” yoo aartu message, Imeelii hin ergin yoo erguu barbaadde immoo baarreesitti utuu hin hin ergiin xiqqo tursi. Yeroo dheera fudhadhuuti irra deddeebi’ii dubbisii xiinxali.
- Irratti xiyyeefachuu hin yaalin. Waa’ee waanta si aarsee yaaduun qoraan ibidda irra buusuudha. Yaada alta’aa (negetiiva0 si keessa jiru moo’achuuf miiraakee to’achuu yaali. Amma aariin sun hir’atutti hojii kan biraa sammuukee keessa jiru hojjedhu.
- Furmaata sirrii filadhu. Namni tokko amala isaa yookiin jecha isaatiin yoo si gaddisiise akka waan si tutuqeetti hinilaalin. Namicha sirriitti xiinxali. Yoo inni sirriidhumatti karoora gadhee qaba ta’e namni kun gammachuu kan hin qabneefi jaalala kan barbaadu ta’uu isaa amani.
- Dhiifama gochuu shaakali. Dhiifama gochuu jechuun moo’amuu jechuu miti. Dhiifama jechuun si keessatti qofaa nagaa kan fidu utuu hin taanee nama ati dhiifama itti agarsiifte keessatti immoo amala kabajamaafi gaarraamummaa fida.
- Waan deebisuu hin dandeenye callisii dhiisi.