Home » Health Tips » Araada Fiilmii wal-qunnamtii saalaa ilaaluu
Rakkoo kahu dhabu

Araada Fiilmii wal-qunnamtii saalaa ilaaluu




Biyya xaaliyaanii keessatti yuunibarsiitii Paadu’aa keessatti qorannoo gaggeefame tokko akka ibsutti dargagoonni 70% filmii walqunnamtii saalaa kakasuu inteernetii irratti utuu wal irraa hin kutiin ilaalan akka jiran warri qo’annaa wal’aansoo narvii bira ga’aniiru. Qorannoo amalaa inni kan biraan akka ibsutti, fedhii salqunnamtii dhabuun kan argamu warra fiilmii fedhii saal qunnamtii kakaasu ilaaluudhaan sammuu isaanii bashannansiisu barbaaduudhaan yeroo dheeraa fudhatan ta’uu isaaniiti.

Fedhiin wal qunnamtii uumama namaa kana qorichaan kakaasuun waggoota namatti fudhata. Kun immoo waan fedhaan alaati, araada nama qabsiisas. Si’a tokko gammachuun namaa filmii saal qunnamtii waliin walitti hidhate jennaan fedhiin saalaa inni sirriin deebii hin kennu. Kun namoota baay’ee keessatti fedhii dhabamsiiseera. Wiliyam struthers koollejjii wiyaton macaafa isaa wired for intimacy: how pornography hijaks the male brain, jedhu keessatti, fiilmiin wal qunnamtii saalaa kakaasuu sammuu dargagootaatti araada ta’a kan jedhu irratti dubbate. Kun hundumtuu waa’ee walitti siiqenyaati. Namoonni miira isaanii isa gad fagoo guuttachudhaaf waan hundumaa fiilmii fedhii wal qunnamtii kakaasu kana irraa eeggatu. Isaan hariiroo saalaa isaaniitiif gara sanatti gugatu jedhee dubbate.




Akka istruuzers jedhetti fiilmii wal qunnamtii saalaa kakaasuu ilaaluun sammuu keessatti akkina haaraa( new pattern) uuma.  Amaleeffachuun isaa immoo humna itti godha. Sadarkaa kana irra kan ga’u akkuma araada qoricha isa liqimsanii dhiisuun hin dandaa’amu. “Qaamni keenya suura sana daawwachuu yeroo itti baraa adeemu waanti nuyi kana booddee daawwannu miidhaa salphaa waan qabu fakkaata. Qoricha tokko dhaqnikoo yeroo dheeraatiif walitti fufinsaan fudhatee yoo itti bare, fayidaa argachaa ture argachuuf amma baay’ina isaa dabaluun qaba.” kanaaf araadni walqunnamtii akka qoricha baay’inaan fudhatameetti miira namaa kakaasee gammachiisuudhaan qunnamtii saalaatiif humna kenna.

Araada saal- qunnamtii akkamitti adda baafnaa?

Amaloota armaan gadii, sadii yookiin irra caalaa ofiikee keessatti haadha manaakee keessatti, yookiin michuukee keessatti yoo argite kun araada saal-qunnamtii ta’uu isaa hubachuu dandeessa. Nama akkasiitti suuta jettee utuu hin hammeessiin bifa gargaarsaan itti dubbachuu qabda.

  • Namni akkasii yeroo namni mana hin jirre yookiin yeroo namni rafu kompiitera jala ykn televiziyoona jala riciccee taa’a.
  • Namni akkasii kutaa maatiin yookiin namni bakka sana hin jirretti kutaa cufatee taa’a.
  • Namni akkasii saalaan faallaa kan ta’an yeroo isa bira darban gad fageessee itti yaada.
  • Liqii sababni isaa ibsamuu hin dandeenye isaaniif baasa.
  • Namni akkasii geejibaafi dirqama ogummaa sababeeffatee hanga barbaachisuu ol sa’aati hojii dabarsa yookiin hojii irraa oola.
  • Namni akkasii utuu inni interneetii irra jiru yoo namni kan biraan dhufe dafee iskriinii isaa jijjiira.
  • Namni akkasii hidhata gaa’ila isaa wajjiin hariiroo saal qunnamtii hin qabu yookiin karaa hin taane irra bittineessa.
  • Namni akkasii hidhata gaa’ila isaa irraa miiraan fagoodha.
  • Namni akkasii yeroo saal qunnamtii raawwatamutti hin argamu yookiin qalbiin isaa hin jiru.
  • Namni akkasii amala dorsiisaafi jijjiirama tasaatu irraa mul’ata.





Akkamitti Araada kana dhiisu?

  • Sammuu kee hojjiin qabsiisuu
  • Sochii qaamaa yeroo hunda gochuu
  • Hojiiwwaan tola ooltummaa , aartii fi wanta si gammachiisan hojjachuu
  • Qofummaa dhiisuu.yeroo hunda namaa waliin tahuu
  • Gaa’ela hundeessuu. Namoonni wanta kana gochaa turan yeroo baayyee erga fuudhaniis araadni kun isaan hin dhiisu.kun immoo ammas gaa’elarratti rakkoo uuma. Kanaaf hamma dandahametti yeroo wal wajjiin dabarsuu fi waliif of miidhagsuun gaarii taha.
  • Kanaan dinnaan ogeessa xiin-sammuu mari’achiisuudha

fayyaa hin dhabinaa

Via Tolosaa Burqaan



Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top