Home » Health Tips » Bareedina fuula keenyaaf (For the beauty of our face)
Beauty of face tips

Bareedina fuula keenyaaf (For the beauty of our face)

Bareedina gogaa qaama keenyaa

Uumaan keenya gogaa qaamaa keenyaa bareechee nu uume. Bareedina fi qulqullina gogaa jechuun bifa magaalaa, diimaa ykn Adii qabaachuu osoo hin taane gogaan keenya bareedaa, lallaafaafi Kan ofirraa madaa, bugurii fi kkf hin qabnedha. Wantoota nuti Guyyaa guyyaan goonu, nyaannu fi dhugnu Bareedina fuula keenyaa irratti dhiibbaa ni qabu

Mee Bareedina fuula keessaniif Maal gochuu qabdu?, maaltu Bareedina fuulaa balleessa!

  1. Ifa Aduu- Carallaan Ifa aduurraa dhufu ykn UV ray kallattiin yeroo baayyeef fuula keenya yoo argate gogaan qaama fi fuula keenya akka shushuntuuruuf dafee dulloomu godha. Keessattuu Aduun akka biyya keessaa sahaa 4:00-10:00 jiru aduu hamaadha. Kanaaf Ifa Aduu keessa hojii hedduminaan nu tursu qabaanne wantoota Ifa Aduu direct kanneen gogaa keenyarraa dhorkan uffata harkaa dheeraa , kishaafa ykn fuullee ijaa, baarneexaa, dibaabeefi kkf fayyadamuun gaariidha. Dabalataan dibatni Ifa Aduu direct dhufu akka gogaa keenya hin miine godhan Kan “ Sunscreen jedhamu fayyadamuun gaariidha.
  2. Bishaan garmalee ho’aan dhiqachuu akkasumas bishaaniin Yeroo dheeraa dhiqachaa turuu.
  3. Saamunaa jabaa taheef fuulaaf hin oomishmamne fayyadamuu . Hedduun keenya saamuna ittiin qaama fi harka dhiqannuun fuula keenya dhiqanna. Akkasumas namoonni saamunaa uffataa isa jabaa sanaan fuula dhiqatanis jiru. Saamunaan jajjabaan kunniin dibata fuulli keenya maddisiisu nurraa waan kaasuuf fuulli keenya akka shabashabamuuf gogu godha. Kanaaf saamunaawwan fuulaaf filatamoo tahan akkasumas “cleanser bifa dhangala’aan jiran fayyadamuun gaariidha.
  4. Yeroo Rifeensa fuulaas tahe Kan saphii qulqulleeffatan of eeggannoo gochuu dhiisuu. Gaafa rifeensa Kanneen qulqulleeffatan dibata ykn cream fayyadamuun kallattii rifeensi guddatuun shave gochuu gorfama. Kallattii faallaa taheen haaduun akkasumas gogaa isaa haaduun gogaan naannoo sanaa akka rifatu gochuun Bareedina gogaa keenyaa balleessa.
  5. Erga shave goodhattanii ykn dhiqattanii booda erbee jiidhaan qoorsuu dhiisuu. Erga qaama dhiqattanii ykn shave gootanii booda uffata erbeen qoorsuun bareedina gogaa keeenyaaf gaariidha 6. Nyaata kuduraaf fiduraa fayyadamuu dhiisuu 7.Bishaan hedduminaan dhuguu dhiisuu

Dhiphina hamaa. Dhiphinni sammuu, hirriba dhabuu, hojiin namatti hedduummaachuuf kkf gogaa keenyarratti dhiibbaa guddaa geessisu. Keessattuu namoota Finniisa qaban ittuu akka jabaatu godha. Kanaaf dhiphina hir’isuu ykn manage gochuun baayyee barbaachisaadha. Dabalataan namoonni uumamaan gogaan keessan gogaa tahe moisturizer Kan fuula ykn gogaa keessaniif tahu bitattanii akka fayyadamtan isin Gorsina .

1 thought on “Bareedina fuula keenyaaf (For the beauty of our face)”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top