Home » Health Tips » Cirracha Kaleefi yaalii isaa
Cirraacha kalee

Cirracha Kaleefi yaalii isaa

Sababa jijjiirama haala jireenyaa (life style modification) irraan kan ka’e, yeroo amma kana cirrachi kalee addunyaa keenyaarratti baay’ee babal’achaa jira. Cirrachi kalees hammaan guddachaa yoo deeme, karaa itti xuraa’aa kaleen keenya dhimbiibdee /calaltee gara alaatti dhabamsiistu cufuun dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a.

Wantootni cirracha kaleef nu saaxilan maalfaadha?

  • Bishaan hamma barbaachisu ykn gahaa ta’e dhuguu dhiisuu. Qaamni dhala namaa harki caalu bishaani. Namni tokko guyyaatti, yoo xiqqaate bishaan bircuqqoo 8 dhuguu qaba. Bishaan baay’inaan yoo dhugnu, wantootni xuraa’aa qaama keenya keessa jiran akka salphaatti karaa kalee keenyaa dhabamsiifaman godha. Kanaaf namni tokko bishaan gahaa hin taane ni dhuga yoo ta’e, wantootnii xuraa’aa qaama keenya keessa jiran walitti qabamuun gara cirracha kaleetti guddatu. Namoonni baayyeen yommuu bishaan dheebotan qofa dhugu. Kun garuu sirrii miti.
  • Nyaata pirootinii baay’ee olka’aa of keessa qabu kanneen akka nyaata foonii fi bu’aa beeyladaa ta’an baay’inaan ykn yeroo hedduu soorachuun.
  • Soogidda baay’inaan fayyadamuu, soogiddi nuti nyaannu elementii soodiyeemii jedhamu baay’inan waan ofkeessaa qabuuf soogidda hammaan heddumaate soorachuun gaarii miti.
  • Wantoota mi’aawaa (refined sugar) ta’an kanneen akka lallaafaa fi dhugaatiiwwan saamsaman baay’inaan fayyadamuun
  • Nyaata elementii oksaaleetii baay’inaan ofkeessaa qabu kanneen akka, lowizii, chokoleetii, kaakowaa, spinachii fi ‘black pipe’ jedhaman hedduminaan ykn yeroo hedduu soorachuun.
  • Cuunfaa appilii baay’inaan fayyadamuun
  • Dhugaatiiwwan kollaa baay’inaan fayyadamuun fi kkf

Mallattoowwan dhukkuba cirracha kale

  • Naannoo walakkaa mudhii keenyaa hanga naannoo qaama saalaa keenyaatti, dhukkuba asi gadi keessa deemee nama dhukkubu.
  • Fincaan dafee dafee nama fincaansisuu
  • Nama haqqisiisuuf ol nama tuquu
  • Fincaan dhiigaan wal makaa ta’e fincaa’uu
  • Nama dafqisiisuu ykn hurkisiisuu fa’a.

Tarii namootni baay’een Cirracha kalee qabaachuu dandeenya garuu yeroon yoo ilaalamne cirrachi kalee hammaan xixiqqaa tahan bishaan baayinaan dhuguun karaa fincaanii bahu. Namootni mallattoowwan armaan olii qabdan mana yaalaa deemuun qorannoo fincaanii, qorannoo dhiigaa fayyaa kalee, qorannoo raajiif altiraasaawundii gochuu qabu.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top