Dhibeen Vaayirasii Tiruu namoota hedduu miidhaa jira
Dhukkubni tiruu kan” viral hepatitis” jedhamu gosoota vaayiresii shan (hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis E virus) irraan kan nama qabu yoo ta’u, rakkoo tiruu yeroo dheeraa kan fidan hepatitis B fi C qofadha. Yeroo amma vaayiresiin sodaachisaa fi biyya keenya keessattis lubbuu hedduu galaafataa jiru vayireesii tiruu isa gosa “B” jedhamu kanadha.
Vaayiresiin tiruu lubbuu namaa hangam galaafataa jira?
Addunyaa keenya irra namoonni gara biliyoona 2 (2,000,000,000) ta’an vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta’u hedduun isaanii dhiiga isaanii keessaa ittisni qaamaa (immunity) lolee kan balleessu yoo ta’u gara miliyoona 300 (300,000,000) ol kan ta’an vaayiresiin hepatitis B kun qaama isaanii keessa jiraata. Kanneen keessaa kan walakkaa miliyeenaa ta’an wagga tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayiresii kanaa ni darba.
Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu argamni vaayiresii kanaa akka dhaabbanni ittisa fi to’annoo dhukkuubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 haga 20 ta’a. Kana jechuun namoota kudhan keessa namni tokko vaayiresii kana of keessaa qaba akkasumas nama biraatti dabarsuu danda’a jechuudha. Kun hagam akka inni baay’inaan argamuu fi hagam akka of eeggachuu qabnu nutti mul’isa.
Namoonni vayiresii tiruu Kanaan carraan qabamuu isaanii olka’aa ta’e namoota akkamiitii?
Nammoota mana yaalaa keessa hojjatan, ogeessota fayyaa dabalatee (dhangala’aa qaama dhukkubsataa keessaa ba’uuf saaxilamoo waan ta’aniif; namoota qunnaamtii saalaa namoota addaa addaa hedduu waliin raawwatan; dubartoota mana bunaa keessa galiif walqunnaamtii saalaa dalagan (commercial sex workers) fi kanneen biro.
Dhukkubni Hepatitis B karaa kamiin daddarbaa?
Vaayireensiin kun akkaataan namaa namatti daddarbuu isaa vaayireesii HIV waliin kan walfakkaatu ta’ee, dandeettiin daddarbuu isaa kan vaayiresii HIV harka 50 oliin caaludha. Vaayirasiin hepatitis B kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da’umsaa fi gadameessa keessatti), dhangalaa’aa kamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca’uun ni daddarba. Karaan daddarbuu isaa dhukkuba HIV waliin wal fakkaata. Haa ta’u malee carraan namaa irraa namatti daddarbuu kan vayirasii kanaa HIV caalaa baay’ee olka’aadha.
Dhukkubni vayirasii hepatitis B mallattoo akkamii agarsiisa?
Vaayiresiin hepatitis B nama tokko erga qabatee booda waggoota dheeraadhaaf mallattoo tokko illee osoo hin argisiisiin dhokatee jiraata. Yeroo kana namoonni vaayiresii kana qaban (baataa) gara nama biraatti dabarsu. Waggoota dheeraa erga nama keessa turee booda vayireesiin kun suuta suutaan seelota tiruu ajjeessuun hojii ala taasisa. Kanneen biroo ammo tiruu isaanii kaanserii tiruu (hepatocellular carcinoma) qabsiisa.
Vaayiresiin kun dhukkuboota kana erga namatti fidee booda, mallattoowwan miidhamuu ykn dadhabuu tiruu argisiisan mul’isa. Mallattoon dhukkuba kana keessaa: qaamni guutummaa guutuutti (keessumaa garaan) dhiita’uu, halluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu, haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu, dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Of eeggaannoon akkamii gochuu qabnaa?
1. Namoota dhukkuba kana akka qaban beekamee fi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (haga mana yaalaa deemnee qorachiifnutti) harka duwwaa tuttuquu irraa of qusachuu qabna.
2. Talaalliin hepatitis B virus fudhachuun hanga dhibbeentaa 90 umurii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda’a. Talaalliin kun keessuma namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha. Taalaalliin kun namoota umuriin keenya sadarkaa daa’immanii ol ta’eef kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa’immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira.
3. Yoo tarii osoo talaallii isaa hin fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa’aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Kanaaf erga mudatee booda atattamaan mana yaalaa deemuun dirqama.
Fayyaa hin dhabina! Fayyaa keessan eeggadha. ‘Health Tip’ wwaan tokko tokko dubbisu hin dagatina.
Dr galatoomaa!! Barumsa barbaachisaa ta’eedha.
It’s good
Yaada gaariidha galatoomaa
Yaada baayyee nama barsiisuu Dr. Galatooma.
baayyee galatoomi Dr ulfaadhu Jenna.waa’ee dhukkuba garaachaas nuuf ibsimee maaloo.
Ulfaadhu Dr Fayyaafi nagaa hin dhabinaa!!
Bayee galatomiii dr