Baay’een keenya yoo xiqqaate si’a tokko dhukkubbii dugdaaf saaxilamneerra. Namoonni baay’eeniis dugdi isaanii yoo isaan dhukkube kaleekoo na dhukkube jechuun himatu. Dhukkubbii dugdaa kan namatti fidu dhukkuba kalee qofa osoo hin taane dhibee baay’eedha. Dugdi keenya lafeewwan dugugguruu dugdaa, maashaawwaan, hidda dhigaa, narviiwwaniif ribuuwwan garaagaraa waan ofkeessatti qabatuuf rakkoon fayyaa wantoota kanarra yoo qaqqabe dugdi keenya nu dhukkubuu danda’a. Akkasumas qaamoliin keessoo qaama keenyaatti argaman kan naannoo dugdaa fi mudhii keenyaatti argamanis yoo miidhaman miirri dhukkubbii namatti dhaga’amuu danda’a.
Dhukkubbii dugdaa maaltu namatti fida?
Taatewwan baratamoo guyyaa guyyyaatti raawwannu kanneen akka:
- Yeroo dheeraaf taa’aa turuu ykn dhaabachaa turuu:- Namni tokko yeroo taa’aa turu ykn dhaabachaa turu maashaawwan naannoo dugda keenyaa irratti dhiibbaa waan uumuuf dhukkubbii dugdaaf nu saaxiluu danda’a.
- Meeshaa ulfaataa ta’e baachuun akkasumas yeroo baay’ee kallattii tokko qofaan meeshaa garaagaraa baachuu.
- Morma keenya gara fuulduraatti dheeressuun kompiyuutera fayyadamuu, dubbisuu ykn konkolaataa oofuun.
- Firaashii ciisichaa dugda keenyaaf hin malle ykn boraatii baay’ee olka’aa ta’e irra rafuu.
- Micciiramuu ykn dhifamuu maashaawwan dugda keenyaan nutti dhufa.
- Miidhamuu diskiiwwan lafee dugugguruu dugdaa:- Lafeeewwan dugugguruu dugdaa keenyaa bifa akka geengoo kan qaban yoo ta’u, lafeewwan kunniin akka walhin-rigneef gidduu isaaniitti wanti akka maashaa ni argamti. Lafeewwan dugugguruu dugdaa kana gidduun sosochiiwwanii fi miira qaama keenya gadiifi qaama keessaa kan to’atu narvii guddichi ispaayinaalkoordii jedhamu keessa darba.
- Caba lafee dugugguruu dugdaan ykn sigigaachuu diskiiwwan dugugguruu dugdaa irraa kan ka’e.
- Miidhaa buusaawan lafee dugugguruu dugdaa irraan kan ka’e.
- Dhukkubbii Kalee kanneen akka cirracha Kalee ykn infeekshinii Kalee.
- Kaanserii lafee dugugguruu dugdaa
- Yeroo ulfaas dhukkubbiin dugdaa dubartoota hedduu mudata.
- Furdina garmalee fa’a.
Dhukkubbii dugdaan cinatti mallattoowwan kanaa gadii yoo nurratti muldhate hatattamaan gara mana yaalaa deemuu qabna.
- Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
- Ho’a qaamaa olaanaa
- Naannoon dugdaa diimachuu ykn dhiita’uu.
- Gubuu qaama saalaa yeroo fincaanii.
- Fincaan ykn boolii qabachuu dadhabuu
- Hadooduu naannoo qaama saalaa, hudduu fi naannoo isaa.
- Dhukkubbii dugdaa addaan hin citne kan yeroo teenyu ykn rafne nu hin dhiisne.
Sababa garaa garaa irraan kan ka’e baay’een keenya dhukkubbii dugdaa sasalphaa hanga cimaatti keessumeessaa oolla. Dhukkubbiin dugdaa guyyaa guyyaan yoo nu mudatu maalgochuu qabna:
- Sochii qaamaa gochuu:- sochiiwwan qaamaa kanneen akka yoogaa fi situp jedhaman dhukkubbii dugdaa sababa micciiramuu ykn dhifamuu maashaa dugdaan dhufe fooyyeessuu keessatti ga’ee guddaa taphatu .
- Firaashii ciisicha dugda keenyaaf hin taane ykn booratii baay’ee ol-ka’aa tahe fayyadamuu dhiisuu
- Shamarraniif kopheewwan olka’insa guddaa qaban yeroo baay’ee fayyadamuun carraa sigigaachuu diskii dugdaa ykn bakkaa socho’uu lafee dugugguruu dugdaaf nama saaxiluu danda’a.
- Hirriba ga’aa ta’e rafuu. Yeroo kana jennu namni tokko guyyaatti sa’aa 7-9 rafuu qaba. Hiriba sa’aa xiqqoo tahe ykn hirriba baay’isanii rafuunis dhukkubbii dugdaaf-nama saaxiluu danda’a.
- Cabbii erbee keessa kaa’uun bakka dhukkubbii keessaniirra daqiiqaa10-15 tursuu.
- Bishaan ho’aa erbee keessa cuuphuun bakka isin dhukkubu irra gochuu
- Dibata dugdaa kan miira dhukkubbii hir’isan baay’een mana qorichaa irraa waan gurguramaniif isaaniin dibachuunis baay’ee gaariidha.