Faayiidaa maangoon fayyaa keenyaaf qabu
Akkuma beekamu dacheen Oromiyaa keenyaa laftishee baay’een kan maangoon uwwifamtedha. Namoonni baay’eenis maangoo soorachuuf akka salphaatti argachuu danda’u. Maangoon mootii ykn hangafa kuduraaf muduraa jedhamee beekama.
Maangoon albuudota fi vitaminoota hedduus of keessaa waan qabuuf fayyaa fi ijaarsa qaama keenyaa keessatti qooda guddaa fudhata
Faayidaawwan maangoo kunniinis:
1. Dhibee kaanserii nurraa ittisa. Inzaayimoonni maangoo keessatti argaman (phenol, qiercitem, galic acid, astraglam, fisetim) kanneen jedhaman humna kaanserii ofirraa dhorkuu qabu. Akkasumas maangoon faayiberii dhangala’aa “peekitin” jedhamu kan ofkeessaa qabudha. Nyaata faayberii baay’inaan qaban nyaachuun kaanserii garaachaaf mar’umaanii nurraa ittisa. Kanaaf maangoon faayiberiin badhaadhaa waan ta’eef haala ajaa’ibaan kaanserii kana nurraa ittisa.
2. Fayyaa gogaa qaama keenyaaf ni gargaara. Maangoon qaawwan xixiqqoo gogaa keenyaa cufamuurraan kan ka’e dhukkuboota dhufan kanneen akka “Finniisaa” nurraa dhorkuu danda’a. Kunis Qola Maangoo irraa quncisuun ykn baasuun gogaa qaama keenyatti dibuun daqiiqaaa 10’f tursuun kan ta’udha. Akkasumas maangoo nyaachuun gogaan qaama keenyaa akka lallaafuuf calaqqisu taasisa.
3. Dandeettii yaadachuu sammuu namaa ni dabala. Maangoon glutamic acid kan jedhamu waan of keessaa qabuuf dandeettii yaaduu sammuu keenyaa ni dabala.
4. Hir’ina dhiigaa nurraa ittisa
5. Fedhii walqunnamtii saalaa (libido) ni dabala. Maangoon hormoonii fedhii walqunnamtii saalaa dabalan madaaluun fedhii walqunnamtii saalaa dabala. Kanaaf namootni baay’een waliin bultii keessatti rakkoo akkasii waan qabaniif faayidaa qaba.
6. Fayyummaa ija keenyaaf ni gargaara. Maangoon vitamin A of keessaa waan qabuuf hooqsisuu ijaa, gubuu ijaa fi dhibee ijaa kan biro nurraa dhorka.
7. Namoota dhibee sukkaaraa qabaniif baayyee gargaara.