Fedhii walqunnamtii saalaa dhabuu
Wal qunnamtiin saalaa miira uumamaan namaaf kennameefi gaa’ela keenya bareechan keessaa tokkodha. Dubartoonni baay’een rakkoo hir’achuu fedhii wal-qunnamtii saalaa ykn wal qunnamtii saalaatti gammaduu dhabuu isaan mudata.
Dubartiin tokko rakkoon akkasii ishee mudateera jechuuf wal-qunnamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti gammachuu kan hin qabneefi fedhii saala abbaa manaa ishee guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta’edha. Rakkoowwan akkasii kan fidan keessaa muraasni:
✓ Rakkoo walii galtee dhabuu abbaa manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi kkf)
✓ Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial). Yeroo kana jennu dubartiin tokko rakkoowwan akka dhiphachuu (stress) humnaan olii, ofitti amanamummaa dhabuu fi kkf yoo ishee mudatedha. Kunis jijjiiramuu hormoonii fedhiii wal qunnamtii saalaa to’atanii waan jeequuf rakkoowwan akkasiif saaxilamu.
✓ Dhiibbaa yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.
✓ Dhukkuboota akka dhukkuba sukkaaraa
✓ Yaalii baqaqsanii yaaluu dhukkuba adda addaa yaaluuf godhamu, qaamota sirna hormaataa keessa tokko ykn isaa ol kan akka gadameessa muranii baasuu (hysterectomy).
✓ Akkasumas namoonni tokko tokko rakkoo fayyaa biraa osoo hin qabaatin kan rakkoowwan akkasii isaan mudatus ni jiru.
Furmaanni isaa maali?
Qorannoon biyya Ameerikaa keessatti godhame tokko akka mirkaneessutti dubartoota 100 keessaa dubartoonni 21 rakkoowwan akkasiif saaxilamu jedha. kanaaf rakkoo salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen armaa gadii akka furmaataatti kan taa’anidha.
✓ Waldhabiinsa, gaddabuu ykn mukuu garmalee, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji’an (psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga’aa argachuu.
✓ Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan irraa yaalamuu.
✓ Yeroo wal qunnamtii saalaa raawwatan guutummaa guutuutti yaada ykn miira ofii walqunnamtii saalaa sana irra gochuu fi sosochiiwwan garaa garaa gochuu.
✓ Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate qorichoota ogeessa fayyaa sammuu (Psychiatrist) irraan ajajaman fudhachuun illee ni danda’ama.