Gogaa keenya jalatti wantoota hedduuutu argama. Wantoota gogaa keenya jalatti argaman keessaa muraasni kanneen akka, xannachoota xixxiqqoo, hiddoota dhiigaa, narviiwwan, foolikilii rifeensaafaadha. Gogaan keenya qaawwa xixiqqoo ija keenyaan hin argamne ofirraa qaba. Finniisni kan nama qabu, sababa qaawwi gogaa keenyarratti argamu cufamuurraan kan ka’e kan dhufudha. Qaawwi gogaan kunis kan cufamuu danda’u karaa seelota gogaa du’aniifi dhangala’aa furdaa xannachoonni gogaa jalaa maddisiisanirraati.
Kutaa qaama keenya keessaa Finniisni yeroo baay’ee kan irratti mul’atu naannoo fuula keenyaa, adda keenyaa, laphee, dugda keenya gara olii fi gateettii keenyarratti. Sababni finniisni naannoo kanatti baay’inaan argamuufis naannoo kanatti xannachi dhangala’aa furdaa maddisiisu kan sebaashiyes gilaand jedhamu waan argamuuf.
Wantootni finniisi akka namatti dhufuuf saaxilan maalfaadha?
Umurii :- Finniisni gita umurii hundumaan mul’atu iyyuu baay’inaan dargagoota waggaa 20 gadii irratti baay’ata
- Sababa jijjiiramuu hormoonotaa irraan kan ka’e. Hormooniin istiroojiinii jedhamu dhangala’aa xannachoota gogaa jala jiranii waan baay’isuuf qaawwi gogaa sanaa akka cufamu gochuun finniisa namatti fiduu danda’a. Kunis baay’inaan shamarraniif namoota qorichoota garaagaraa fudhatan irratti mul’ata.
- Dibata furdaa ta’an yeroo baay’ee dibachuu. Kunis qaawwi gogaa keenyaa akka cufamu gochuun dhangala’aan xannachi keenya maddisiise gara alaatti akka hin baane gochuun finniisni akka uumamu godha. Kanaaf looshiniiwwan baay’ee fuulatti dibachuun hin barbaachisu.
- Dhiibbaa ykn rigata yeroo hedduu gogaa keenya irratti uumaman.
- Dhiphina /stress. Dhiphinni (stress) irra caalaatti namoonni dhibee kana qaban akka daraan itti hammaatu godha. Kunis sababni isaa namni tokko yeroo dhiphatu hormoononni qaama isaa keessa jiran waan jeeqamaniif.
- Yeroo tokko tokkos finniisni karaa maatii ijoolleetti darbuu danda’a.
- Yeroo laguun shamarranii dhufuuf jedhu ykn dhufuttis finniisni ni baay’ata.
Gabaabadhumaatti, finniisni sababoota armaan gadii arfan irraa namatti dhufa
- Dhangala’aan gogaa jalaa bay’inaan maddisiifamuu
- Qaawwi gogaa dhangala’aa furdaa fi seeliiwwan gogaa du’aniin cufamuu
- Baakteriyaa ‘acne vulgaris’ jedhamuun
- Sababa hormooniiwwan aandiroojiinii baay’inaan maddaniif
Namoonni Finniisa qaban maal gochuu qabu /hin qabani?
- Harkaan fuula isaanii qaqqabuu hin qaban.
- Bakka finniisni jiru sana buruqsuu hin qaban. Sababni isaas, daraan akka hammaatu gochuun akkasumas gara qaama ykn gogaa fayyaattti dabarsuu danda’a
- Dhiphina hir’isuu qabu.
- Nyaataa fi dhugaatiwwaan kanneen akka chiipsii, kookaakollaa, loowizii ykn ocholoonii, chokkoleetii fi baaq-laawaafaa nyaachuu ykn dhuguu dhiisuu.
- Dibata kanneen akka looshinii fuulatti dibachuu dhiisuu
- Wantoota fuula keenya irratti rigata uuman kaa’achuu ykn uffachuu dhiisuu.
Dabalataan dibatoonni haala jiidhina gogaa keessanii irratti hundaa’uun finniisaaf filataman ni jiru. dibata jiran keessaa “Cerave” baayyee filatamaadha. dibata kanas fudhattanii furmaanni yoo dhibe mana yaalaa dhufuun qorannoo fi qoricha dabalataa fuidhachuun barbaachisaadha