Infeekshinii Kaleefi Afuuffee Fincaanii(Urinary tract infection)
Kaleen keenya kutaa qaama keenyaa keessaa gara walakkeessa cinaacha keenya bitaafi mirgatti kan argamudha. Namni uumamaan kalee lama qaba. Garuu namoota baay’ee muraasa ta’anirratti uumamumaan namni kalee tokkoon dhalatu ykn kaleen isaa gadi bu’ee dhalatu jira. Kaleen keenya dhiiga onneerraa madduun gara kalee keenyaa deeman erga dhimbiibee /calalee booda wantoota xuraa’aa qaama keenya keessa jiran gara alaatti dhabamsiisuuf gargaara.
Afuuffeen fincaanii (bladder) fincaan kalee keessatti qophaa’an, yeroodhaaf walitti qabuun yeroo miirri fincaa’uu namatti dhufu gara alaatti dhabamsiisti.
Infeekshinii kalee fi afuuffee fincaanii
Infeekshiniin kalee fi afuuffee fincaanii kan namatti dhufu baakteeriyaa ykn vaayirasiin karaa dhiigaas ta’e naannoo gogaa keenyaarraan ykn naannoo sagaraa (buubbuu) irraa ka’uun gara kuustuu fincaaniif kalee keenyatti ol seenuu irraan kan ka’e kan dhufudha.
Wantoota infeekshinii kalee fi kuustuu fincaanii /afuuffee fincaaniif nu saaxilan:
➢ Fincaan yeroo dheeraaf utuu hin fincaaniin qabatanii turuu. Namoonni baay’een sababa garaagaraa irraan kan ka’e fincaan yommuu isaan muddu ykn qabu dafanii hin fincaa’an. Fincaanni kalee keenyaan gara alaatti dhabamsiifamu kun xuraa’aa waan taheef qaama keenya keesa turuu hin qabu. Fincaanni xuraa’aa waan ta’eef baay’inaan yommuu afuuffee fincaanii keessa turu, baakteriyaan akka keessatti wal horan gochuun infeekshiniif nu saaxila.
➢ Cirracha kalee. Kunis cirrachi kun ujummoo fincaanii cufuun fincaanni akka gara alaatti hin baane gochuun fincaanni kuufamuun baakteriiyaan akka keessatti wal horee infeekshiniif nu saaxilu godha
➢ Erga sagaraa bobbaatanii booda yeroo haxaawwattan ykn qulqulleeffattan dug-duubaa gara fuulduraatti haxaawachuun baakteeriyaan sagaraa ykn udaan keesa jiru salphaadhumatti akka gara ujummoo fincaanii seenan godha. Gochi akkasii kun baay’inaan warra shammarraniifi daa’immanii huba.
➢ Ijoollee dhiiraaf dhaqna qabachuu dhabuun carraa infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu daraan dabala. Gogaa fiixee qaama saalaa jala baakteriyaan waan baay’inaan jiraataniif, dhiironni dhaqna hin qabanne carraan infeekshinii kaleefi afuuffee fincaaniin qabamuu isaanii dacha 8’n dabala.
➢ Yeroo ulfaas carraan infeekshinii kalee fi afuuffee fincaaniif qabamuu olaanaadha.
➢ Dhibee sukkaaraa
➢ Uffata jalaa ykn paantii baay’ee nama qabu ykn baay’ee thight ta’e uffachuu
➢ Qulqullina naannoo buubbuu fi qaama saalaa eeggachuu dhabuu, keessattuu warra shammarraniif.
Mallattoon isaa maali?
➢ Dhukkubbii kalee keenyaa (mudhii keenya gara walakkaa) ykn dhukkubbii handhuura keenyaan gadii (suprapubic pain)
➢ Gubuu qaama saalaa yeroo fincaan fincaa’an
➢ Fincaan dafee dafee nama jarjarsuu
➢ Ho’inni qaamaa dabaluu
➢ Nama hoqqisiisuu ykn ol nama xuquu
➢ Fincaan isin fincooftan diimachuu ykn foolii kennuu
➢ Hammi fincaanii hir’achuu fa’a
Kanaaf, mallattoowwan akkasii yoo ofirratti argitan mana yaalaa deemtanii qoratamuun qoricha isaa fudhadhaa. Sababni isaas, infeekshiniin kalee ykn afuuffee fincaanii yoo namarra ture dadhabbii kaleef nu saaxiluu danda’a.