Home » Health Tips » Istaadiyeemii dhukkubaa irraa of to’adhu.

Istaadiyeemii dhukkubaa irraa of to’adhu.

Amala ofii to’achuu shaakaluun wan coomaa namni dirqamaan gochuu qabudha.
Namoonni baay’een amaloota isaanii isaan dirqisiisan warra akka fedha nyaata, araada xuuxxa, dhugaatii fi saal qunnamtii wajjin wal’aanso qabu. Nyaanni namoota addunya kana garri caalan isaanii akka furdatan taasisa. Namoonni baay’een beelaaf utuu hin taanee, fedha isaani to’achuu dadhabanii baay’isanii nyaatu. Warri xuuxan warra hin xuuxne irra caalaa’ kaanserii sombaatiin, kan kokkee, kan garaachaa, kan rajiijii, kan hafuuffee fi kan kaleetiin saaxilamuu. Isaan 60% madaa garaachaa fi mari’immaan furdaatiin tuqamu. Araadni xuuxxa lafee keessa kaalsiyeemii dhabamsiisuudhaan dhukkuba lafee lallaaffisuun babal’isa. Amalli dhugaati alkooliis gatii guddaa nama baasisa.

Alkooliin dhiibba dhiigaa dabaluudhan dhukkuba maashalee onnee irraa kan ka’e du’a tasaa fida. Itti dabalees dhukkuba kaanserii dabala. Moo’achuudhaaf dhiibbaa kanaan dura dhaabachuudhaaf of to’achuu eegali. Innis jecha of qabuudhaan ibsama. Kun immoo waan hamaa hundumaa irraa of dhowwuudhaan waan gaarii ta’e immoo madaalli isaa eeganii jiraachuu jechuudha.

Ofittummaafi laphee jabinni Dhala nama Madda abaarsaa ta’ii rakkinni fi dhukkubni dabareedhan akka isaan dhiphisu godheera. Namni hundinuu fayyaa isaa ni barbaada. Fayyaa qabaachuunis ayyaantummaadha mitiiree? Eeyyee dhugaadha! Waanti fayyaa caala gatii qabus hin jiru. Haa ta’u malee waan gaarii qofa yaaduufi waaqayyoo irratti Abdii qabaachuun dhukkuba sammuu hundumaa irraa akka nu ittisu, Nyaataafi dhugaatii, akkasumas fedhii fooni keenya to’achuufi madaala isaa eeguun, shaakalli qaama gochuun, qulqulina dhuunfaa guutummaa qaama eeggachuun balaa dhukkuba qaamaa kamii irraa iyyuu nu ittisa.

Dabalataaniis, namootaaf waan gaarii yaaduufi haariiroo hawwaasummaa gaarii qabaachuun, wal gargaaruufi waliin bashananuun, qorichaa of ajjeesuu yookaan yeroo malee du’uu, balaa irra bu’uu, beela’uu, rakkachuu, qofaa jiraachuufi gammachuu dhabuu, akkasumaas gara maraatummaatti qaxxisuu irraa nu eega. Fayyummaa guutuu qabaachuudhaaf eenyutu hubannaa dhabee du’ee? Dhibeewwan garri caalu wallaaluu keenyaan kan dhufu utuu hin taanee ofsossobuufi of eeggannaa gochuu dhabuu keenyaan isa #istaadiyeemi dhukkuba of goonutu nama dhiba.

Fayyaa hin dhabiinaa!

Via Tolasaa Burqaa Qumbiitiin

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top