Home » Health Tips » Maseenummaa/Dhala godhachuu dhabuu maaltu fida ?
dhala dhabu

Maseenummaa/Dhala godhachuu dhabuu maaltu fida ?

Maseenummaa/Dhala godhachuu dhabuu maaltu fida

Wantoota maseenummaa/dhala godhachuu dhabuu dhiiraa fidan
Yeroo baay’ee hawaasa keenya biratti dhala dhabuun rakkoon dubartootaa qofa akka ta’etti ilaalama. Garuu rakkoon kun gama saala lameeniin kan mul’atu taha.
Dhala godhachuu dhabuu dhiirootaaf kan nama saaxilan keessaa tokko hir’achuu baay’ina ispeermiidha. Wantoonni Kanaaf nama saaxilan:-

  1. Infeekshinii keessoo cidhaan dhiiraa(epididimo orchitis)
  2. Wantoota ho’ina naannoo cidhaan dhiiraa dabalan kanneen akka lap top naannoo mudhii gadiirra godhanii fayyadamuu, uffata jalaa baay’ee nama qabu uffachuu, yeroo dheeraaf taa’aa turuu
  3. Dhiphina ykn mukuu hamaa
  4. Kaanserii cidhaan keessaa
  5. Ulfaatina qaamaa garmalee
  6. Tamboo aarsuu
  7. Miidhaa /dhayicha naannoo cidhaanii
  8. Uumamaan gadi bu’ee dhalachuu dhabuu cidhaanii(undescended testes)
  9. Yeroo dheeraaf mobaayila /giiphii naannoo killee cidhaaniitti dhiyaatuutti baachaa turuu(rarely)
  10. Dhibee sukkaaraa hin to’atamne fa’adha!

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top