Obboleessakoon gudeedamuun jireenyakoof gaa’elakoo diige
Maatii isheef nama sadaffaadha. Guyyaa tokko bakka namni hin jirretti obboleessi ishee duubaan maree kuffisee gudeeduuf yaale. Erga uffata humnan irraa baasee, wal’aansoo fi cinninnaa hedduu booda injifattee jalaa baate. Wal’aansoon kun irra deddeebi’ee ishee mudannaan icciita ishee kana dhokfattee, adaada ishee bira teessee barachuu murteeffatte.
Halkan dukkana ni sodaatti guyyaas qofaa yoo teesse yaada ishee keessa dhufee ishee dhiphisa.Yeroon isaa gahee nama jaalattu waliin gaa’ila hundeeffatte. Haa ta’u malee erga heerumtee booda abbaa mana ishee wajjiin wal qunnamtii gochuu hin dandeenye. Halkan yeroo abbaa manaa ishee qaqqabuu eegalu, iyyitee wixxifatee iddoo ciiftuu utaaltee kaati. Erga raftee namni yoo itti bu’e halkan abjuun wareerte iyyiti. Abbaa manaa ishee baay’ee jaalatti ni kabajji. Haa ta’u garuu siree irratti isa gammachiisuu hin dandeenye. Rakkoo ishee mudatee ture abbaa manaan isheetti himteetti. Wal qunnamtii saala abbaa mana ishee faana gochuu barbaaddus gudeeddaan obboleessi ishee irratti raawwate sammuu ishee keessa dhufee ishee dhiphisa. Dubartii kana rakkoo maalitu qunname?
Posttruamatic stress disorder(dhiphina balaa boodaa)
Rakkoon kun jeeqamaafi dhiphina guddaa erga balaan suukaneessan nama muudaten booda namatti dhufudha.
Sababoota balaa kanaaf nu saaxilan
- Yeroo ajjeechaan suukaneessan maati isaani ykn nama isaanitti dhihaatu irratti raawwatamu ija isaanitin arguu fi bifa rifachiisaa ta’een dhagahuu.
- Balaan cimaan isaan irra gahuu. Fkn ; balaa konkolaataa, balaa tasaa fi kkf isaan muudachu! yeroo balaa kana namoota du’ani fi miidhamni qaama irra gahe arguu danda’u.
- Dirree waraanaa irratti hirmaachuu .
- Arabsoo cimaa xiinsammuu nama miidhuu danda’u arabsamuu.
- Dirqiidhan gudeedamuu ykn reebichi cimaan isaan dhaqqabuu .
- Dhukkuba hammaataafi nama rifaachiisuun qabamuun isaanii mirkanaa’uu.
- Balaan uumamaa kanneen akka kirkira lafaa,lolaa cimaa,balaa ibiddaa fi kkf isaan irra ga’uu.
Mallattoolee dhukkubichaa.
Mallattoleen kun erga balaan isaan muudatee booda naannoo ji’a tokkoo irraa eegalee hanga waggaa hedduu keessatti mul’achuu danda’u. isaanis:
- Irra deddeebidhan balaa isaan irra gahee ture sana yaadachuu. garuu yaadni isaanitti dhufu kun jibbisiisaa fi rifaasisaa waan ta’ef yaadachuu hin barbaadan .
- Irra deddeebidhan abjuu jibbisiisaa waa’ee balaa sanaa abjoochuu.
- Balaan isaan muudate sun bifa fiilmii ykn diraamaa fakkaatuun akkuma ta’iin sun amma ta’aa jiruutti itti mul’achuu.(flashbacks).
- Yemmuu ta’ii sana yaadatan dhiphinni xiinsammuu guddaan itti dhaga’amuu.
- Iddoo balaan sun itti isaan mudate sana dheessuu fi wantoota ta’ii sana isaan yaadachisan kamuu irraa baqachuu.
- Dandeettin Xiyyeeffanna isaani xiqqaachuu .
- Hirribni jeeqamuu .
- Mirri gaddaa fi sodaa itti dhaga’amuu.
Dhukkubni kun dhiiraaf dubartoota irratti kan mul’atu yoo tahu baay’inaan dubartoota irratti kan heddummaatudha. Keessattuu dubartoonni dirqiidhaan gudeedamaniifi miidhaan qaama cimaan ijoollummaatti irra gahe nama lama keessa tokko carra dhukkuba kanaan qabamuu isaanii bal’aadha.
Dubartoonni dirqiidhaan gudeedaman yoo gaa’ila dhaaban fedhii saal-qunnamtii gochuu yoo qabaataniyyuu akkuma tuttuqii eegalaniin miidhama isaan irra gahe wan yaadataniif baay’ee sodaatu. Kun immoo yaaddoo hamaafi hirriba dhabuu dhaqqabsiisa.
Yaalii
Dhukkubichi osoo yaala hin argatinis carraa fayyuu ni qaba. Garuu yoo hedduu hammaata ta’ee fi jireenya guyyaa guyyaa keessatti dhiibbaa guddaa kan dhaqqabsiisu yoo ta’e gara mana yaalaa deemuudhan yaala barbaachisu fudhachuu akka qabnutu nurraa eegama.kanaaf namoonni rakkoo akkanaa qabdan mana yaalaa dhuftanii nu waliin mari’achuu dandeessu
Via Tolosa Burqaa (Ogeessa yaala sammuu)
Galatoomaa.