Home » Health Tips » Qorichaa qaama saalaa kaasuu hedduminaan fayyadamuun yaaddeessaa tahaa dhufeera

Qorichaa qaama saalaa kaasuu hedduminaan fayyadamuun yaaddeessaa tahaa dhufeera

Qorichaa qaama saalaa kaasuu hedduminaan fayyadamuun yaaddeessaa tahaa dhufeera





Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.

Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.




Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.

Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama




Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.

Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qabna keessaa nuraasni

1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.




Akkuma jalqabarratti kaasuuf yaallee namoota hedduu rakkoon kahuu dhabuu qaama saalaa ykn kahee jabaachuu diduu isaan mudata. Rakkoo kana maaltu fida?, yaalli isaahoo maali?    Guutuu isaa Dubbisaa
Liinkii Kanaan seenaa dubbisaa



Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top