Home » Health Tips » Rakkoo baay’ee turanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiiraa(Delayed ejaculation)

Rakkoo baay’ee turanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiiraa(Delayed ejaculation)

Akkuma beekamu yeroo wal qunnamtii saalaa yeroon inni sirrii(normal) dhiirri tokko sanyii dhiiraa(ispeermii) dhangalaasu daqiiqaa 1 fi isaa oli. Darbee darbee namoonni muraasni tasumaa kan hin dhagalaasne yoo jiraatan kaanimmoo walitti fuufinsan daqiiqaa 30 olii booda dhangalaasu. Kanaaf namni tokko tokko walitti fufiinsaan daqiiqaa 30 olii booda turee yoo dhangalaase rakkoo baay’ee turanii dhangalaasuu (delayed ejaculation) ta’a. Taateen kun namoota baay’erratti darbee darbee kan mul’atu tahuu danda’a. Garuu itti fufiinsaan kan itti fufu akkasumas hiriyaan/haati manaa Keessaan kan nuffisiisuu fi isiniinimmoo yaaddoo keessa kan isin galchu yoo ta’e mana yaalaa deemtanii ilaalaamuu qabdu. Dubartoonni baay’eenis akka nuffaniif akkasumas Fedhiin isaanii akka gadi bu’u ni dubbatu.

Rakkoo kanaaf maaltu nama saaxila:-

  • Rakkoo dhiphuu hamaa
  • Side effect Qorsawwan dhibee garaagaraa yaalamuuf kennaman kanneen akka qoricha narvii, qorsa dhibee sammuu, dhiibbaa dhiigaa
  • Hariiroo gadi-bu’aa dhiiraaf dubartii gidduu jiraachuu, walii galtee dhabuu
  • Alkoolii hedduminaan dhuguu
  • Umurii gara dullumaa

Kanaaf akkuma jenne Taateen kun

Dubartii baay’ee nuffisiisaa, ykn fedhii ishee hir’isa taanaan
Yaaddoo sammuu dhiira irratti uuma taanaan mana yaalaa deemanii ilaalamuun yaalamuun gaariidha

Faallaa kanaan Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiirootaa  hubaachuuf dubbisaa!

Fayyaa hin dhabinaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top