Home » Health Tips » Men's Health » Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiirootaa
Rakkoo dafanii dhangalaasu

Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiirootaa

Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiirootaa





Wal-qunnamtiin saalaa miira dhalaaf dhiirri tokko ittii gammadan keessaa tokkodha. Yeroo wal-qunnamtii saalaa yeroo dhiirri miira keessa galu fedhiin isaa amma sanyiin dhiiraa ykn ispeermiin irraa bahuutti ni dabala. Erga sanyiin dhiiraa ykn ispeermiin irraa ba’ee booda fedhiin isaa gadi bu’a, akkasumas qaamni saalaa isaa ka’ee tures humna dhabaa deema ykn laafaa deema.

Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa qorannoon hedduu geggeefamaa ture akka agarsiisuutti dhiirri tokko yeroo wal-qunnamtii saalaa dafee dhangalaase kan jennu qorannoowwan garaagaraa jiraatanis keessaa tokko wal-qunnamtii saalaa keessatti fedhii ishee utuu hin gammachiisin dhangalaasuu kan jedhus ni jira. Kun namootaa namootaatti garaagara ta’us qorannoon biraa kan irratti walii galame tokko ammoo dhiirri tokko daqiiqaa tokkoo gaditti yeroo sanyiin dhiiraa irraa bahu ykn dhangalaasu dafee dhangalaase jenna.




Rakkooon kun dhiirota qofaa osoo hin taane shamarranillee ni mudata. Garuu hedduminaan rakkoon kun rakkoo dhiirota irratti mul’atudha. Taateen kun taatee nama hedduu mudachuu maludha. Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti yoo xiqqaate yeroo tokkoof isaa oli kan isa mudachuu danda’udha. Qorannoon biyya ameerikaatti godhame tokko akka addeessutti dhiirota sadii keessaa tokko rakkoo kanaaf ni saaxilamu jedha. Rakkoon kun baayinaan namota umuriin isaanii waggaa 40 gadi taherratti kan argamudha

Rakkoo kanaaf wantootni nama saaxiluu dandahan maalfaadha?

Rakkoo dafanii dhangalaasuu dhiiroota hedduminaan rakkoo keessoo qaamaa ykn qaama waliin wal-qabatan osoo hin taane rakkoo xiinsammuu sammuu waliin wal-qabatanidha.




Rakkoowwan taatee kanaaf nama saaxilan maalfaadha?

  • Wal-qunnamtii saalaa yeroo jalqabaaf gochuu
  • Dhiphina sammuu hamaa
  • Rakkoo hariiroo ykn waliigaltee dhabuu maatii/hiriyaa waliinii
  • Rakkoo mukuu hamaa
  • Wal-qunnamtii saalaaf ilaalcha gadi-bu’aa qabaachuu
  • Ofitti amanamummaa dhabuu
  • Kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
  • Rakkoo hormoonnii
  • Rakkoo ykn jeeqamuu keemikaala sammuu keessaa
  • Infeekshinii ujummoo keessoo fincaan gara alaatti dhabamsiisuu fi infeekshinii xannacha piroosteetii
Rakkoo kana hir’isuuf ykn hambisuuf maal gochuu qabna
  1. Dhiphina hamaa ykn mukuu hamaa hir’isuu yaaluu, akkasumas sadarkaa hamaa irraan kan isin gahu yoo tahe mana yaalaa deemuun gorsaafi yaala sammuu fudhachuu
  2. Ofitti amanamummaa qabaachuu
  3. Taatee kaleessa tahe irraanfachuun sammuu haaraan gara saal-qunnamtii deemuu
  4. Rakkoo waliigaltee dhabuuf hariiroo jaalallee ykn haadha manaa keessan waliin jiru mariidhaan furuu yaaluu
  5. Yeroo wal-qunnamtii saalaa yaada keessan waan biraarra gochuu
  6. Yeroo tokko tokko koondomii fayyadamuun sanyiin dhiiraa akka dafee hin dhangalaane gochuus ni danda’a.





Dabalataan sochii dabalataa armaan gadii gochuunis rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo saal-qunnamtiif murteessaadha.

Xiyyeeffannaakee tolchi

Maashaawwaan naannoo qaama saalaa, hudduu, sarbaafi garaa keenyaa jiran kottaanfachuun sanyiin dhiiraa gara alaatti akka bahu gochuu keessatti qooda guddaa qabu.

Kanaaf mala kana keessatti wanti gochuu qabdan maashaawwan kanneen amma dandeessan kottaanfachiisuu dhiisuun diriirsuun akka falaatti kan taa’u keessaa tokkodha.

Sochii maashaa jabeessuu(kegels exercise)

Kana jechuun sochii guyyaa guyyaan maashaa naannoo qaama saalaa (pelvic floor muscle) jiran guyyaa guyyaan kottoonfachiisuuf diriirsuun godhamudha.




Akkamitti hojjenna?

Yeroo teessan, ciistanis tahe hojii hojjettan kan dalagamudha. Akka namni tokko fincaan yeroo fincaa’uuf kahee gidduutti ofiisaan addaan kutuu ykn sagaraa utuu hagaa jiruu akka nama addaan kutuu gochuun ammaa amma dalaguudha. Kunis akka naman fincaan utuu fincaa’uu addaan kutuu ykn utuu sagaraarra jiruu addaan kutuutti maashaa naannoo qaama saalaafi munnee keessanii jiru qabuun seekondii sadiif erga tursitanii booda seekondii sadiifimmoo dafanii gadi-dhiisuudha. Tooftaa kana irra deddeebiin baay’inaan gochuun maashaan naannoo qaama saalaaf hudduu jiran akka jabaatu gochuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Gama biraan shamarran/haati manaa rakkoon akkasii abbaa manaa ishee yoo mudatu jajjabeessuu ykn faara itti jijjiirrachuu dhiisuuf hariiroo waliin qabdu hir’isuu hin qabdu.



1 thought on “Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiirootaa”

  1. Pingback: Rakkoo baay'ee turanii dhangalaasuu yeroo wal-qunnamtii saalaa dhiiraa(Delayed ejaculation) | Dr Nafyad Getu

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top