Home » Health Tips » Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa fi furmaatasaa
Rakkoo kahu dhabu

Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa fi furmaatasaa

Qaamni saalaa dhiiraa qaama lallaafaa maashaawwan, kaartileeji, ujummoo fincaanii, ujummoowwan dhiigaafi narviiwwan garaagaraa of-keessaa qaba. Qaamni saalaa dhiiraa seeliiwwan dhifamuu ykn diriiruu danda’an of-keessaa qaba. Maashaawwan qaama saalaa keessatti argaman gidduu bakki duwwaa ykn space kan ujummoon dhiiga qulqulluu onneerraa fuudhame raabsuuf akkasumas dhiiga qulqulluu hin taane ammoo naannoo qaama saalaa irraa fuudhee gara onneefi sombaatti geessu achi keessatti argama.

Dhiirri tokko yeroo miirri saal-qunnamtii itti dhagahamu ykn yeroo saal-qunnamtii ujummoowwan dhiigaa bakka duwwaa maashaawwan kana lamaan gidduutti argaman dhiigaan guutamuun akka qaamni saalaa dhiiraa ka’u godhu. Kanaaf gabaabaatti ibsuuf qaamni saalaa dhiiraa kahuuf sadarkaa garaagaraa keessa darba. Narviiwwan si’aawoo ta’an kanneen qaama saalaa dhiiraa irratti argaman yeroo dhiirri tokko miira keessa seenu ergaawwan hattattamoo garaa kutaa sammuu keenyaatti erguun hormooniwwaan garaagaraa akka gadi-dhiifaman sammuun keenya ajaja dabarsa. Hormooniwwan kunniin qaama saalaa, ujummoowwan dhiigaa fi onnee keenyarratti gocha isaanii eegaluun dhiigni Onneerraa ka’uun karaa ujummoo dhiigaa gara kutaa qaama saalaa dhiiraa deemuun ujummoowwan dhiigaa kunniinis akka dhifaman/diriiran godha.

Rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa yeroo jennu kan inni of-keessatti qabatu:- Tasumaa ka’uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa, Jabaatee ykn sirriitti kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa, Fedhii saal-qunnamtii dhabuufi Akkuma kaheen dafee kufuu qaama saalaa dhiiraafaa of keessatti qabata jechuudha.

Sababoota tokko tokkorraan kan ka’e namni kamiyyuu yeroo muraasaaf rakkoon kun isa mudachuu mala. Garuu rakkoon kun utuu wal-irraa addaan hin kutin yeroo dheeraaf yoo ture rakkoo xiinsammuufi rakkoo hariiroo maatii fiduu waan maluuf mana yaalaa deemanii ilaalamuun baay’ee barbaachisaadha.

Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa maaltu fida/maaltu nama saaxila? Sababni rakkoo kahuu qaama saala dhiiraa hedduu tahanis rakkoowwan qaama waliin wal-qabataniif rakkoo xiinsammuu waliin wal-qabatan jennee kaasnee ilaaluu dandeenya Rakkoowwan fayyaa qaama kana waliin wal-qabatan

  • Dhukkuba onnee
  • Rakkoo cufamuu ujummoo dhiigaa
  • Dhiibbaa dhiigaa olkahaa
  • Kolestirooliin qaama keessa jiru hedduummaachuu
  • Dhibee sukkaaraa
  • Ulfaatina qaamaa garmalee
  • Rakkoowwan sirna narvii waliin wal-qabatan
  • Tamboo aarsuu
  • Qorichoota ykn dawaa dhibee kan biroof kennaman kanneen akka dawaa dhiphina hamaa, dhiibbaa dhiigaa olkahaaf kennaman
  • Alkoolii hedduminaan dhuguu
  • Hirriba gahaa rafuu dhabuu
  • Yaaliiwwan baqaqsanii yaaluu naannoo qaama saalaa kan duraan godhame
  • Hir’achuu hormoonii testestiroonii qaama keessaa

Rakkoowwan xiinsammuu kanneen rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa fidan

  • Dhiphinaa hamaa
  • Mukuu/gaddabuu yeroo dheeraa
  • Rakkoo nageenya maatii waliinii ykn hir’achuu hariiroo abbaa manaaf haadha manaa ykn jaalalleewwanii
  • Walii galtee dhabuufi jeequmsa yeroo dheeraa gaa’ela keessaa
  • Yeroo hunda wal-shakkuuf sodaa qabaachuu

Rakkoon kahuu qaama saalaa kun dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a

  • Hiikkaa gaa’elaa
  • Dhiphina sammuu hamaa
  • Ofitti amanamummaa dhabuu
  • Haadha manaa ulfeessuu dhabuu
  • Wal-qunnamtii saalaa gammachiisaa tahe dhabuu

Rakkoo kana akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya ykn yaalamuu dandeenya?

  • Dhibeewwan qaamaa armaan oliitti eerre sun rakkoo kana fiduu waan danda’aniif mana yaalaa deemuun qorannoo barbaachisu gochuun yaalii isaa jalqabuu
  • Yeroodhaa yerootti hordoffii mana yaalaa ykn medical checkup gochuu
  • Sochii qaamaa yeroodhaa yerootti gochuu
  • Ulfaatina qaamaa garmalee hir’isuu
  • Tamboo aarsuu dhiisuu
  • Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn hir’isuu
  • Dhiphina hamaa hir’suuf ykn to’achuuf yaaluu. Yoo sadarkaa hamaarraan isin kan geessisu tahes mana yaalaa deemuun ilaalamuu
  • Rakkoowwan hariiroo maatii huban furuu ykn hir’isuuf yaaluu

Gama biraan namoonni rakkina akkanaa qabdan taateen kun kana dura isin mudatee ammas na mudataa laata jechuun dhiphachuu dhiisuun Sammuu keessan tasgabbeessaa

Haadha manaatiif ykn hiriyaa shamarraniif Rakkoon kahuu qaama saalaa kun darbee darbee nama kamiyyuu mudachuu waan maluuf yeroo waan kun uumamu sammuu abbaa manaa keessanii ykn hiriyaa keessanii tasgabbeessuu danda’uu qabdu. Taatee darbe isa irraanfachiisuun qaama isaa qaqqabaa akka inni irraanfatuuf qaamni saalaa isaa kahu gochuun ni danda’ama.

Yoo rakkoon kun taateewwan armaan olii hunda gootanii furamuu dide mana yaalaa deemuun gorsaa fi yaala fayyaa barbaachisu fudhachuun baay’ee barbaachisaadha. Gama biraan qorichoonni mana yaalaarraa rakkoo kanaaf kennaman jiru. Namoonni baay’een ajaja hakiimaa malee qorichoota kana mana qorichaa irraa yeroo bitanii fayyadaman argaa jirra. Kanaaf amma barbaachisuuf akkamitti akka fudhatamu qabu osoo hin beekin fayyadamuun rakkoo fayyaa biroof isin saaxiluu waan maluuf gocha kanarraa akka of-qusattan isiiniif ibsuu yaalla.

Dabalataan namoonni rakkoo akkasii qabdan wantoota armaan oliitti eerre fayyadamtanii miilkaa’uu yoo dadhabdan yaaliin isaa biyyoota alaa akka Turkiitti waan kennamuuf nu quunnamuu dandeesu.

1 thought on “Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa fi furmaatasaa”

  1. Pingback: Qorichaa qaama saalaa kaasuu hedduminaan fayyadamuun yaaddeessaa tahaa dhufeera | Dr Nafyad Getu

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top