Home » The Latest » Seenakoo kanarraa baradhaa
Rakkoorra baradhaa

Seenakoo kanarraa baradhaa

Leelliseen jedhama. lafan itti dhaladhee guddadhe bulchiinsa magaalaa Hoolataa ganda Galgal Kuyyuu keessa waggoota digdamii sadii oliif jiraadhee jira. Baroota kana keessatti bu’aa ba’ii jireenyaa, mucucoo abdii kutannaa fi ededa bahuuf ulfaatu heedduu tarkaanfadheera. Tarkaanfiwwan ani umurii kiyya kana keessatti rakkoolee na mudatan injifachuuf taasise dargaggoota akka kootiif akkasumas namoota akka koo rakkoo wal fakkaataa qabaniif galaa abdii horachuu taati jedhee waanan yaadeefan isiniif qooduu jaaladhe.

Daa’imummaa kootti yeroon barattuu mana barnoota sadarkaa tokkoffaa turetti hiriyoota hedduun qaba ture. Hiriyyootan waliin qayyabadhu, waliin taphadhuu fi waliin bahee waliin galu. Amalli koo yeroo sana ture namootaan salphaatti walii galuudha. Nama hin dubbanneeyyuu nan dubbisa, hunda waliinan kolfees taphadha. Amalli koo namaan walii galuu, nama waliin kolfee taphachuu akkasumas nama waliin hojjachuu kuni hundisaa yeroon barnoota sadarkaa lammaffaa eegalu narraa godaane.

Hiriyyoota koo akka galaanaa na marsanii turanaan of maddiidhaa dhabe. Anis kophummaa filadheen adda of baase. Amalli koo keessummaa ta’ee haalaa fi qor qalbii koo to’ate. Kun rakkoolee fi gufuulee na mudataa oolan mara maatii koo akka dhoksuuf sababa ta’aa dhufan. Rakkoon kamiyyuu yoo na mudate namaaf qoodee furmaata rakkoo sanaa barbaadurra kophaa koo akka gaaratti rakkicha dhiibaa oolun filadhe. Rakkooleen dhuunfaa kootii yaa hafuutii rakkooleen maatii fi hiriyyoota kootiif qoodee salphaatti furmaata argachuudhaa malu hundasaan kophaa koo baachuu eegale. Amalli kiyya kun na miidhaa akka jiru beekuus sirreessuu hin dandeenye. Yeroo baay’ee rakkoo na mudatan furuuf tattaafachuurra eenyummaa koo rakkoolee yeroof na mudatan waliin jijjiirrachaan ofii fi maatii koo rakkisuu eegale.

Akkuma sekoondiin daqiiqaaf, daqiiqaan sa’aatiif, sa’aatiin guyyaaf, guyyaan torbee, ji’oonni, ammoo waggaadhaaf dabareen wal dabarsaa deemunan anis barnoota sadarkaa lammaffaa fi qophaayinaa xumuradhee, yuunibarsiitii Amboo muummee Injenaringiitiin barnoota koo sadarkaa olaanoo tokko jedhee eegale. Yeroo fi sadarkaan barnoota kootii dabalaa yoo deemellee amalli koo keessummaan guyyaa keessa na mudate kun garuu jijjiirama tokkollee hin qabu.

Hiriyyoota doormiitara tokko keessa waliin galluun walitti dhufeenya gaarii uumee jiraachuudhaaf yaalurree, rakkoolee na muudatan mara akka rakkoo dhaabbataa jireenya koo keessatti hafu fi eenyummaa koo murteessutti ilaaluun natti cimaa adeeme. Barnoota waggaa tokkoffaa fixadheeboqonnaaf gara maatii kootii yoonan deebi’u rakkoolee barnootaa fi  barnootaan alaatin keessi koo baay’ee hubame.

Sababan rakkoo na mudatan mara dhaggeeffadhuuf keessi koo na dhukkubuurra darbee akka mukulkula ibiddaatti na madeessee jireenya kiyyarra darbee jireenya maatii koo jeequu eegale. Rakkooleen yeroo kana na mudatan gonkumaa kan darbani miti jedheen of amansiise. Miira mukuu hamaan guutame keessa seeneen ittiin of haguuge. Halkanii fi guyyaan gargar baasuudhaaf rakkadhe. Of jibbeen, hirribni narraa godaane. Boqonnaa dhabeen dhiphachuufi miixachuun hojii guyyaa koo ta’e. Miirri dadhabbii na dhuunfateet gammachuun narra godaane. Guyyaa kiyya marti guyyaa boo’ichaa fi abdii kutannaa ta’e.

Qilee hammeenya gaddaa fi rakkoon guutame seeneen bahuudhaaf rakkadhe. Nyaata nyaachuun lagadhe, dubbii namaatu muka manjiirra natti hadhaawe. Fuullli koo akka biiftuu barii ifaa ture addeessa duumessaan golgamte ta’een nama biraa ofitti fakkaadhe. Rakkooleen akka gaaraatti fuuldura koo dhaabbatan murteessitoota eenyummaa koo ta’anii narratti filanii wal buusani. Qaamni koo ulfaatina dhabee akka waan qilleensi fuudhee deemutti keessi koo natti gumgume. Rakkoo fi dararri maatiin koo na waliin argaa jiraniif balleessituun ana jedheen of tilmaame. Qolli ija koofi hirribni, arrabni koofi nyaanni alagaa walitti ta’an.

Haalli kiyya sodaachisnaan maatiin koo gara mana yaalatti na geessan. Ogeessonni fayyaa haala ani keessa jiru erga ilaalanii booda dawaa mukuu hamaa( severedepression) fi hirribaa naaf kennan. Amalli keessummaa ta’ee anaa fi maatii koo jeeqaa jiru kun caalumatti natti hammaate. Of jibbuu fi of tuffachuun sammuu koo na weeraranii too’annoo isaanii jala na galfatan. Jiraachuun natti bushaa’ee dhabamuun karaa salphaa ta’ee natti mul’achuu eegale. Dallaa yaada moo’amtootaa keessattan kufee of arge. Rakkoo yeroof keessummaa ta’ee darbuufan jireenya addunyaa kanaa hadheeffadhe. Murtoo wareegama lubbuu deebii hin qabneen murteesse. Kan maatiin koo akka agartuu ija isaanitti na ilaalan ani karaa diinni koollee naaf hin hawwine ofiif hawwe; of ajjeesuu; of dhabamsiisuu.

Dawaa mana yaalaatii akka na fayyisuuf naaf kenname, animmoo akka na ajjeesufan itti fayyadame. Dawaa hedduu al tokkoon fudhadheen yaalii of ajjeessuu koo tokko jedhee eegale. Humna yaada sirrii yaadutu dirree sammuu kootti moo’amee, yaadoleen fuggisoo fi badoo ta’an na weeraran. Gaarii fi gammachuu na dura jiru arguu dadhabeen fuuldureen koo marti gurraacha’ee natti mul’ate. Galaana rakkoo keessatti dhidhimeen dhidhimaa bahuu dadhabe. Eenyummaa koo isa sirrii waaroo salphinaa godheen eenyummaa rakkoon natti uwwiseef harka kennee uffadhe. Abdii fi mul’anni koo na duraa godaananii tulluun hin argine duubatti of dhoksani. Yaada sirrii yaaduu dhiiseen yaada jiruu koo kiyyeessuun yaada sirriidha jedhee of amansiise. Kanaafan of dhabamsiisuu filmaata jalqabaa godhadhe. Of dhabamsiisuun waa mararra salphaa ta’ee natti of hime. Kanaafan of ajjeesuutti amane.

Humna yaada sirrii busheesseen yaadota hanquu dhaadhesse. Dawaan humnaa olii(over dose) ani fudhadhe akkan ani yaade otoo hin taane miidhaa qaamaa fi qorqalbii narraan gahus otoo na hin ajjeesin hafe. Jireenyi koo guutuun miira kufaatiitiin liqimfame. Fuuldurri koo natti golgolaa’ee akka allaattii koochoon cabdeetti lafan yaade gahuu kanan hin dandeenye fakkaatee natti mul’ate. Gargaarsi fi miixuun maatiin koo na waliin taasisan na jalaa dhokatee hammeenyummaan jireenyaa ifee natti mul’ate. Mul’anni ani qabu hundi waan karaa irratti faca’e natti fakkaate.

Rakkoon koo mooraa of gatuu natti ijaaranii dukkana jireenyaa natti uwwisan. Rakkoo keessa taa’us dhamaatin maatii koo garaa koo na nyaachuu hin dhiisne. Watwaannaa fi rakkinni maatii koo na waliin argaa jiran ammo rakkoo koo dhokfadhee akkan jiraadhuuf dhiibbaa narratti godhan. Lubbuun koo isheen afaan boollaa irraa deebite wabii jireenya harmee kootii akka ta’e yeroo kana naaf gale. Dallaa rakkoo keessaa hulaa argadhee bahuus baadhu harmee koo fi maatii koo gammachiisuuf fuula ifuun dirqama ture. Harmeen koo ana malee anis harmee malee akkan jiruu gammachuu hin qabne amma naaf galeera. Adeemsi ani rakkoo koo injifachuuf deemaa jiru kuni karaa sirrii akka hin taane garuu hubadheera. “ ormi akkam bultee beeka, akka itti bule abbaatu beeka” jedhama mitiiree?. Akkan itti jiru otoon beekuun akkan ta’uu hin dandeenye ta’uuf yaale. Rakkoo fi gidiraa na gidirsaa jiru qoma kootti qabadheen maatii koo gammachiisuuf barnootaaf boqonnaa booda gara Yuunibarsiititti imale.

Turtii waggaa tokkoo booda yeroo lammaffaaf gara maatii kootti boqonnaaf yoonan deebihu ammas waanan nagaa qabu namatti fakkaata. Ani rakkoon koo guddaan dawaa ogeessonni yaalaa mana yaalaattii naaf kennan sirnaan fayyadamuu dhabuufi gorsa isaanii qalbeeffachuu dhabuudha, kan koo rakkoo guddaan yaada koo jijjiirrachuu akkasumas yeroo rakkootti yaada sirrii yaaduu dadhabuudha. Anaaf rakkoo koo guddaan rakkoo raasuu dadhabee akka hundee baargamootti rakkinaan raafamuudha. Kan koo rakkoon guddaan rakkina darbuuf harka koo kennee booji’amtuu yaada hanquu ta’ee jiraachuudha. Kan koo rakkoo hamaan rakkina tarkaanfiidhaan irra darbamu akka gaara kilimaanjarootti guddisee ilaaluudha. Yeroo muraasaaf sobee of sossobeen sossobbii sobaa keessa jiruu sobaa jiraadhe. Waggaa sadaffaan bara barnoota koo otoon ani yaada koo hin jijjiirratin, otoon ani mooraa rakkinootaa keessaa hin bahin, otoon ani dhoksaa fi golga yaada hanquurraa of hin bilisoomsiin gulufee naaf dhufe.

Waggaa sadaffaa barnoota yuunibarsiitii hordofuuf ammas gara mooraa deebi’uun dirqama ture.Turtii ji’a muraasaa booda rakkooleen ani bobaa koo jalatti walitti qabaa ture wal nyaatinsa gaggeessanii akka volkaanoo dhoowan. Bilchina xiinsammuu yeroo rakkoo riqicha naaf tahuufi rakkoo keessa ittiin bahu ijaarrachuurra mooraa rakkoo keessa iddoo ciisichaa tottolfadhee ciisuu filadheen ture. Har’a yeroo dallaa rakkoo keessatti galaanni narra dhangala’u kana eenyu na haa baasuree? Gammachuun sobaa sossobbi warra koof jedhee akka “meekaappii” fuula keenyaa fuula kootti haxaawwadhe yeroo isaa eeggatee achi buuteen isaa dhibe. Mallattooleen dhukkuba koo kanaan duraa deebi’anii narratti wal gahani.

Ofii koon of jibbuu eegale. Midhaanii fi bishaan lagadheen addunyaa agabuu fi dhabsuutti of galche. Dadhabbiin qaama koo weerartee hirribni na lagate. Kophummaan mana narratti ijaarrate, duwwummaan gurra kootti wace. Eenyummaa koon ala baheen nama biraa ta’ee argame. Amma barnoota barachuun haa hafuutii ofii koonuu ofiin deemuu dadhabeen yeroo baay’ee lafatti kufeen namni na baatee na galchuu eegale. Silas “muka kufetti qottootu baay’ata” jedhani anaa dhukkuba mukuu hamaa (severe depression) tiin rakkatuu dhukkubni biraa lafa naan marsiisee na kuffisu kokkee hudhee na qabate.

Amma jireenyi natti golgolee guyyaan natti sunsure. Maatiin koo gammachuu fuula kootii ganama mul’atee guyyaa hin jirre sana akka fixeensa ganamaatti fuula koorraa barbaadanii dhaban. Harmeen koo bakkan ani ture dhuftee lubbuudhuma koo oolfachuuf na fudhattee gara maatitti naan galatte. Gosa barnootaa tokkoon milkaa’uu dadhabuun kufaatii barabaraa natti fakkatee, qormaata jireenyaa keessa na galche. Yaadee ijifachuurra sammuu koo iddoo awwaalcha yaada sirriitiifan mijeesse. Qorannoo dhukkuba gaggabdoo (epilepsy) Hoospitaalli Amboo na ajaje hoospitaala Amaanu’eelitti hojjachiiseen dhibicharraa bilisa ta’e.

“Dhukkubni kee mukuu hamaa jedhama” jedhee eegale ogeessi yaala sammuu hoospitaala addaa Amaanu’eel yeroo waayee koofi dhukkuba koo dubbachuuf jedhu. “Dhukkubni ati waliin rakkachaa jirtu kun sababoota garaa garaan nama mudachuu danda’a. rakkoolee fi hudhaalee jireenya kee keessatti si mudataniin, rakkoolee hawaasummaa fi xiinsammuun akkasumas maatiin kee dhukkuba kanaan kan miidhaman yoo ta’e carraan ati dhukkubichaan miidhamuu olka’aadha.

Rakkoolee jireenya keenyaa keessatti nu mudataniif deebii sirrii kennuu dhiisnee rakkoolee waliin rakkachuun bu’uureessitoota dhukkuba kanaati. Dawaa fi gorsa nuti siif kenninu bifa ogeessi siif ajajeen fudhachuun rakkoo kana salphumatti keessaa bahuun ni danda’ama” naan jedhee dawaa naaf laatee gara kutaa yaalii xiinsammutti na erge.

Rakkoo koo madda kufaatii gochuu otoo hin taane, rakkoo koo gara carraatti jijjiiruun yaade. Rakkoon Kun rakkoo fayyaa xiinsammuu Mukuu Hamaa jedhama. Namooni hedduun rakkoo kanaan niidhamaa jiru. Kanaaf namoonni amalaaf mallattoolee kanaa olii ofirratti argitan Kottaa mana yaalaa nu marisiisaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top