Home » Health Tips » General Health » Umurii malee namni maaf aarrii baasa?
Umrii malee aarri

Umurii malee namni maaf aarrii baasa?

Umurii malee namni maaf aarrii baasa

Aarriin umuruu waliin wal qabataa? Deebiin , Eeeyyes , lakkis jechuu dandeenya. Umurii dargaggummaa ykn umurii ga’eessaa geessanii utuu hangafni keessan ykn maatiin keessan aarii hin basin aarrii baastaniittuu? ykn nama umurii dargagummaatti aarri baase argitanii? Kun maaliirraa kan kahe namatti dhufa? Maaltu umurii malee aarrii nama baasisa? Akkamittis ofirraa ittisuun dandahama?

Yeroo baay’ee hawaasa keenya biratti hedduminaan  kan baratame namni tokko yeroo  aarrii baasu waan umuriin isaa/ishee hedduu deeme godhamee fudhatama. Gama tokkoon yoo ilaalle ilaalchi kun ilaalcha sirrii tahus yeroo hundumaa sirriidha jechuun namatti ulfaata

Gogaa keenya jalatti kan argamu seeliin Meelaanoosaayit jedhamu piigmentii Meelaniin jedhamu maddisiisuun halluun rifeensa keenya gurraacha akka tahu godha. Addunnya kanarra namoonni jiraatan hundi bifti rifeensa isaanii tokko tahuu baatus rifeensi keenya halluu gurraacha akka qabaatuuf seeliin armaan oliitti jenne shoora olaanaa taphata.

Namni tokko (Afrikaa, Afroo Ameerikaa) umurii malee aarrii baase kan jennuu wagga 30 gaditti yoo baasedha.  Umurii malee yeroo aarriin namatti bahu yaaddoo baay’eef nama saaxila. Dargaggoonni baay’een namni maal naan jedha jechuun ofitti qaana’u akkasumas hedduu of dhiphisu.

Mee wantootni umurii malee aarrii namatti baasan maalfaadha?Akkuma hundi keenya beeknu namni tokko umuriin isaa gara dullumaa yeroo deemu seelonni Meelanoosaayit hir’achaa waan deemaniif namni tokko akka aarrii baasu godha.

Umurii malee maaltu Aarrii namatti baasisa?
Dhiphina Sammuu hamaa

Namni tokko yeroo hedduu dhiphatu ykn dalagaan garmalee itti heddummaatiu dafee akka aarrii baasu godha. Namni tokko yeroo dhiphatu hormooniiwwan dhiphinaa qaama keenya keessatti gadi dhiifamuun seelonni rifeensa keenyaaf bifa gurraacha kennan akka isaan dhumaa deeman godha

  • Hir’ina nyaata Vaayitaminii B6 fi B12. Vaayitiminoonni kunniin oomisha Meelaanin keessatti gahee guddaa qabu. Keessumaa nyaata Vaayitamiin B12 badhaadhan kanneen akka Foon qurxummii, Killee, Foon , Cheese fi kkf soorachuu dhabuun rakkoo kanaaf gara boodaatti nama saaxiluu dandaha
  • Maatiirraa dhaaluun ( genetics). Maatiin ijoollee umurii 30 gaditti aarrii baasaniiru yoo tahe carraan ijoolleen isaanii wagga 30 gaditti aarri baasuu isaaniis guddaadha.
  • Tamboo xuuxuu ykn sigaaraa xuuxuu. Namooni tamboo xuuxan namoota kaan caalaa dacha 2.5 namoota hin xuuxne caalaa dafanii aarrii baasu
  • Rakkoo hormoonii Taayirooyidii( quufa mormaa
  • Keemikaala ykn dibata rifeensaaf haalluu kennuuf fayyadaman. Yeroo hedduu namoonni baayeen rifeensa isaaniif haallu garaagaraa kennuuf akkasumas rifeensa laafisuuf dibata ykn qalama garaagaraa fayyadamu. Kunimmoo rifeensatti aarrii baasuu dandaha. Kanaaf dibatawwan uumamaa ykn herbal fayyadamuun nii gorfama
  • Aduu keessa yeroo dheeraa turuu Ifa Aduu keessaa kan bahu UVB light kan jedhamu seelii Meelanoosaayitii waan miidhuuf namni rifeensi isaa dafee akka aarrii baasu gochuu dandaha. Kanaaf yeroo dheeraa aduu keessa turuurraa of qusachuunis gaariidha

Fayyaa hin dhabinaa

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top